Xurree ittiin seenan

Breaking News

Du’i Mucaa Koo Qalbii Koo Na Cabse: Harmee Ayyaantuu Girmaa


Dilbata darbe balalii xayyaara Itiyoopiyaa boing 737 MAX-8 jedhu kan naannoo Bushooftuutti kufee caccabeen kanneen lubbuun isaanii darbe keessaa tokko hojjettuu daandii balalii Kan Itiyoophiyaa kan taate shamarree Ayyaantuu Girmaa ti.

“Du’ii mucaa koo qalbii koo na cabse” jedhu haati Ayyaantuu aadde Kibebwaa Leggesee. Mucaa cimtuu ofitti amantaa qabdu amala gaariin beekamtu hojii fi barnoota isheetti cimtuu turte bor biyyaafis abdii taati jedhee abdadhuun dhabe jedhan.

Ayyaantuun daandii balalii Itiyoophiyaaf waggoota lamaaf kan hojjette yoo ta’u hojii ishee fi waahiloota hojii akkasumas nama maraaf kabajaa kan qabdu shamarree umuriin waggaa 24 jedhu haati ishee.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:29 0:00

XS
SM
MD
LG