Xurree ittiin seenan

Breaking News

Girgijjii ykn Shalfii Quraanni Irra Kaa’amu Jala Dhokadheen Lubbuun Hafe: Obbo Abdulqaadir Abba Boraa


Biyya Niiwuzilaand magaalaa Kraayist Charch keessa kan jiran Masjiidoota lama keessatti Jimaata darbee Bitooteessa 15 bara 2019 amantoota solaataaf walitti qabaman irratti hidhataan dhukaasa banee namoota 50 galaafaate.Eenyummaan namoota kanaa qoratamee kan reeffi isaanii maatiif kenname haga ammaa namoota 12 qofa.

Masjiida namoonni afurtamni keessatti ajjefaman sana keessa kan turanii fi lubbuun hafuuf carroman keessaa Obbo Abdulqaadiir Abba Boraa tokko. Haala ture ennaa ibsan Imaamnii barsiisaa, nutis dhaggeeffataa ituu jirruu karaa balbala boroo Masjiidichaa sagalee dhukaasaa yeroo dhageenyu eleektrikatu walitti bu’ee xaaxa’aa jira seene jedhan.

Booda garuu hidhataan amantoota bitaa fi mirgaa ajjeesaa dhufee nutti dhiyaate. Achumaan lafa irra ciseen shalfii Quraanni irra ka’amu of irratti jigsee afuura dhokfadhee ciise jedhanii, hidhatichi namoota dhukaasee kuffise tokko tokkoon irra deemee ilaalaa fi kanneen afuurri keessa jiru ajjeesaa akka ture ibsan.

Dhuma irratti rasaasnii harkaa dhumnaan Qawwee isaa achumatti gatee deemuu isaa, kanneen mada’an keessaa lama lammiwwan itiyoophiyaa ta’uu fi tokko akka hamaatti madaa’uu ibsan.Yeroo ammaattis lamaanuu hospitaalatti wal’ansa argataa kan jiran ta’u dubbatu.

Hidhataan Masjiida isa jalqabaa keessaa nama 40 ajjeese kun achii boodas Masjiida biraa kan fageenya Kiloomeetra 6 ykn 7 irra jiru deemee namoota ka biroo 10 eega ajjeesee booda yeroo ba’u polisii waliin walitti dhufanii to’annaa jala galfame.

Lammii Awustraaliyaa umriin 28 Brenton Haaris Tarrant irratti aangawoonni himannaa ajjechaa dhiyeeessanii jiru. Ebla 5 bara 2019 fullee keenyaa deebi’ee mana murtiitti dhiyaachuuf jira, Tarrant.

Gaaffii fi Deebii Obbo Abdulqaadir Abba Boraa waliin gaggeeffame caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:40 0:00

XS
SM
MD
LG