Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komii Dargaggoota Naqamtee Kooblistoonii Oomishanii


Magaala Naqamtee

Dargaggootni magaalaa Naqamteetti hojii dhagaa bocamaa yookaan “cobblestone” irratti bobba’an bulchiinsi magaalichaa oomisha keenya nurraa fuudhuu dide jechuun komatan.

Dargaggoonni VOAn haasofsiise waa’ee kanaa ibsa kennaniin, koomishinni isaanii yeroo waggaa tokko tahuuf jalaa turuu dubbatu. Kabajamuu dhabuu nageenya bakka hojii irraa kan ka’ellee waggaa tokko keessatti hiriyoota isaanii sadii du’aan dhabuu dubbatanii jiru.

Bulchiinsi magaalichaa komiin dargaggoota kanaa sirriidha, jedhee ji’a kana keessa akka omisha isaanii irraa fudhatuu fi nageenya bakka hojii isaaniis mirkaneessuuf hojjatu dubbatee jira.

Gabaasaa Naakor Malkaa caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:14 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG