Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Uummata Geedewoof Gargaarsii Hatattamaan Akka Kennamu Ajajan


Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimed lammiwwan Gujii Bahaa fi Lixaa irraa buqqa’anii Naannoo Kibbaa godinaa Geedeewoo keessa dahatanii jiran daawwatan.

Buqqaatonni aanaa Gadab magaalaa Gadab keessa qubatanii jiran kun komee mootummaa irratti qaban ka dhiheeffatan yoo tahu muummichi-ministaraa Abiyyi gama isaaniin “gargaarsi buqqaatota kannaaf kennamuu male boodatti harkirfachuun sababaa rakkoo nageenyaafi” jedhu.

Uummanni kuma dhibba tokkoo fi torbaatamii saddeetti Godiina Gujii irraa buqqa’anii rakkoof saaxilamuu aangawaan godina Geedeewoo Obbo Tigistuu Gazaahaany ibsanii jiru.

Ministrittiin Nagaa Aaddee Mufriyaat Kaamil namoota beelaaf saaxilaman jedhman kana kan dawwatan yoo ta’u deggersii barbaachisu kan kennamuuf ta’u ibsan.

XS
SM
MD
LG