Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezident Traamp Muumicha Minstiraa Itoophiyaa Abiy Ahimed Bilbilaan Dubbisan


Pirezidentiin Yunaayitid Isteetis Doonaald J. Traamp Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed waliin waa’ee xayyaara Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Balalii E 302 Dilbata dabre kufee caccabee bilbilaan dubbatanii jiran.

Muummichi-ministaraa Abiy maatii fi firoota lammiwwan Ameerikaa 8 xayyaaricha kufe keessatti dhumaniif gadda isaanii ibsanii fi waa’ee balaa sanaa qorachuudhaaf gargaarsa Yunaayitid Isteetis gooteef immoo prezidaant Traampiin galateeffatanii jiran.

Prezidaantichi Ameerikaaf lubbuu balaa sanaan dhumeef gadda itti dhaga’ame irra-deebi’anii ibsanii fi Amerikaan mootummaa Itiyoophiyaa ka biyya wahilaa fi michuu ishee yeroo dheeraa taatee waliin hojjechutti ka cichitu tahuu fi akka sababaan kufinsa xayyaarichaa beekamus aangawoota Siivil Aveeshinii Idil-Addunyaa waliin kan hojjechuutti ka cichitu tahuu mikaneessanii jiran.

XS
SM
MD
LG