Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Amerikaa Hidhattoota Al-Shabaab Haleeluu Dubbata


Faayilii - Hidhattoota Al-Shabaab

Waraanni Amerikaa yeroo torban tokko hin guunne keessatti si’a sadii hidhattoota al-shabaab kanneen Somaaliyaa keessaa irratti haleellaa gaggeessuu isaa beeksisee jira.

Haleellaan Kunis isa bara darbee irra dacha sadii dabaluu isaa aagarsiisa. Waaltaa ajaja Yunaaytid Isteetes kan Afrikaa ykn AFRICOM akka jedhutti haleellaa kan Robii darbe kutaa Jubaa isa gad aaanuu keessatti hidhattoota sadii ajjeese.

Haleellaa samii irraa gaggeeffame kun hidhattoota kanneen humnootii nageenyaa Somaaliyaa irratti haleellaa bana irratti kan qiyyaafate ta’u AFRICOM ibsee jira.Haleellaan samii irraa gaggeeffame hidhattoota lama kutaa shabalee isa gad aanu keessatti eega ajjeesee booda inni Robii darbee kun jalqabame.

Wiixata darbe Amerikaan haleellaa samii irraa kutaa kana ta’e bakka Dara Salam jedhutti gaggeessite hidhattoota 8 galaafate.

Kunis hidhattonni al-shabaab looltoota waraana biyooleessaa Somaaliyaa irratti haleellaan eega gaggeessanii booda.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG