Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaaroota Kufan Kan Indoneesiyaa fi Itiyoophiyaa Irratti Waan Wal Fakkaatu  Qorattonni Argaa Jiru


Caccabaa Xayyaara Itiyoophiyaa kan Dilbata dabree naannoo Bishooftuutti kufee keessaa qaama xayyaarichaa“ Steblaayzar” jedhamu kan xayyaarichi tasgabiin ituu hin raafamiin akkasumas kallattiin akka balalii’uu godhu bakka silaa jiraachu malee irratti kan hin arginine ta’u qorattonni tajaajiila geejiiba qilleensaa beeksisanii jiru.

Maddeen balaa uumameetti dhiyeenya qaban akka jedhanti akkaataa itti qaamnii xayyaarichaa Steblaayzar jedhamu itti jiru isa kan xayyaara Indoneshiyaa isa baatii Onkololeessa darbe kufee waliin wal fakkaata.

Saanduuqii odeeffannoo baatu kan caccabaa xayyaarichaa keessaa argame xiinxalaaf biyya Faransaay dhaqqabee jira.Odeeffannoon Saatelaayitiin galmeesse akka agarsiisuutti Xayyaarri Itiyoophiyaa inni kufe kunii fi xayyaarri Indoneshiyaa lamaanuu ol-fageenyii irratti balali’aa turan akka hamaatti jijjiramaa fi fageenya guddaan ol ba’aa fi gad bu’aa akka ture agarsiisa.

Kunis balalsistoonni xayyaaricha to’achuuf guddaa qabsaa’aa akka turan agarsiisa.Balaliistoonni Indoneshiyaas ta’e kan Itiyoophiyaa dirree xayyaaraa irraa ka’anti deebi’anii qubachuuf ehama gaafatanii turan.

Balaan lameen xayyaara Boiing 737 Max 8 jedhamu kan mudate ta’uun ni beekama.

XS
SM
MD
LG