Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Lafa Itti Baanu Dhabne’ – Baqattoota Oromoo Liibiyaa Jiran


Faayilii - Godaantota Africa Liibiyaa jiran hojjataa UNHCR wajjin, Fulbaana 8, 2018

Baqattoonni Oromoo Liibiyaa jiran haalli nageenya biyyattii rakkisaa waan ta’eef lafa itti baqannu dhabne rakkataa jirraa jedhan.

Magaala Guddoo biyyattii Tiriipoolii keessa Mana hidhaa baqattoonni keessatti uggaraman keessa ka jiran lammileen Oromoo kun, dhaabbatni baqataa baqattoota lammii biyya kaanii Tiriipoolii keessaa baasaa jiraachuu himanii nuun garuu gargaaruuf fedha hin qabaanne jechuun komatanii jiru.

UNHCR komii baqattootaa kanaaf deebii kenneeti jiraa; Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:40 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG