Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarsoliin Araaraa Isaa fi Gurguraa Erer Keessatti Wal Ga’an


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Dirree Dhawaa keessa kan maadheffatan Ugaazziin Isaa Musxafee fi Ugaaziin Gurguraa Ziyaad har’a araara gosoota lamaaniif jecha bakka filatame Ereriin seenanii jiru.

Sirna araaraa guyyoota kudhaniif tura jedhamu kana irratti gosa lamaan irraa kan filataman hoogganoonni gosootaa 38 akkasumas ka biroo gosoota somaalee keessaa kan filataman jaarsoliin araaraa 11 argamaniiru.

Dirree Dhawaa fi Ereriin dabalatee aanaalee fi gandeen heddduu keessa kan jiraatan gosoonni Isaa fi Gurguraa, baatilee darban keessa irra deddeebi’uun walitti bu’uun isaanii ni yaadatama. Kanaanis qabeenyaa hedduun manca’aniiru.

Gosoonni lamaan waggoota 500 ol kan ittiin bulan seerri ittiin bulmaataa “Heer” jedhamu qabu. Akka seera kanaattis kan bal’eesse gumaa baasuu dhaan araarri bu’a.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:24 0:00

XS
SM
MD
LG