Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Somaalee Buqqaatota 665,000 Qubachiisuuf Jedha


Hoogganaan waajira hoji-geggeessa yaaddoo balaa bulchiinsa naannoo Somaalee – Mohammed Faattah, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, bulchiinsi naannoo Somaalee qaamota isa tumsan ka biroo waliin tahuudhaan, buqqaatota kuma dhibba jahaa fi kuma jaatamii shan kanneen akka dhaabbataan qubachiisuuf karoorfate dubbatan.

Buqqaatota kana keessaa irra-jireessi sababaa walitti-bu’insaatiin kanneen handaara daangaa naannoolee tii buqqa’an waan tahaniif, yeroo nageenyi mirkanaa’u gara qehee isaaniitti deebi’u – jedhu. Kanneen Oromiyaa keessaa buqqa’anii gara naannoo Somaalee dhufan garuu, fedhii isaanii irratti hundaa’uudhaan yoo gara Oromiyaatti ka deebi’uu hin feene tahe, dhaabbataadhaan naannoo Somaalee keessa qubachiisuuf akka karoorfatan eeran – Obbo Mohammed Fattah.

Rakkoon isaa kan abboota siyaasaatiin rakkoo uummata gidduutti uumame miti – ka jedhan – Obbo Mohaammad, bulchiinsi isaanii otuu mootummaa federaalaa irraa gargaarsa hin eegiin, ka dursee buqqaatota qubachiisuun karoorfatee hojjtetaa ture tahuu dubbatu. Karoora bulchiisa naannoo tii alas, sadarkaa federaalaatti karoorri bahuu isaa dubbatu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG