Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imbaasiin Itiyiiphiyaa Daar E Salaam Jiru Lammilee Itiyoophiyaa Hidhaa Jiran Hiiksisuu Jalqabe


Torbee kana keessas Kutaa bulchiinsa Taanzaaniyaa Taangaa jedhamtu keessaa namootni 285 hiikamanii gara biyyaatti deebifamaa akka jiranis beeksiseera.

Jireenya fooyya’aa barbaacha yeroo gara garaa godaantota itiyoophiyaa hedduutu deemsa gara Kibba Afriikaatti taasisa. Kanneen kun muraasni yoo darban baayyen ammoo biyyoota keessa qaxxaamuran keessatti balaa fi hidhaaf saaxilamu.

Deemsa kana keessattis taanzaaniyaan biyya godaantonni seeraan ala keessa qaxxaamuran keessaa tokko yoo taatu, poolisiin biyyattii lammilee Itiyoophiyaa seeraan ala deeman kana ka to’annoo jela oolche hidhaatti isaan naqee jira. Dhiyeenya hojiisaa ka jalqabe imbaasiin Itiyoophiyaa Daar E Salaam jirus lammilee Itiyoophiyaa kana hiiksisee biyyatti deebisuuf itti jira. Torbee kanas kutaa bulchiinsa Taangaa jedhamtuu qofaa namoota 280 ol hiiksisee biyyatti deebisaa jiraa jedhu imsaabii Itiyoophiyaa Daar E Salaamitti gorsaa ka ta’an Obbo Teewodroos Girmaa.

Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:34 0:00

XS
SM
MD
LG