Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hirmaannaan Dubartii Isa kana Duraa Caalaa Jabaachuu Qaba: Qopheessitoota Qophii “Oromo View”


Qopheessitoota Qophii “Oromo View”
Qopheessitoota Qophii “Oromo View”

As Yunaayitid Isteetis kutaa Minisoota keessa kan jiran dubartoota Oromoo sadiin qophaa’ee Feesbookii fi Yuutuubiin kan dhiyaatu qophiin “Oromo View” jedhu dhiyeenya kana jalqabamee darbaa jiraachuu qopheessitoonni qophii kanaa nuuf ibsanii jiru. Qophiin kun dhimmootii hawaasummaa, siyaasaa, ilaalcha ogeessotaa fi namoota dhuunfaa hawaasa barsiisa jedhu irratti fuuleffachuun kan darbu ta’uu illee nuuf ibsanii jiru.

Dubartoonni biyya keenyaa garii aadaa dhumaan gara waltajjiitti dhfuun waan hin baratamneef kanneen beekumsaa fi dandeettii qaban achii as ba’anii hawaasa isaaniis ta’e biyya ofii beekumsa qabaniin akka deggeran akkasumas akka barsiisan jajjabeessuuf qophii kana kan jalqaban ta’uu qopheessitoonni “Oromo View” nuuf ibsaniiru.

Dubartii humni jabaatee hamileen ishee yoo cime bu’aa maatii qofaaf osoo hin taane guddina hawaasaa fi biyyaaf qooda ol aanaa kan qabu ta’uu qopheessitoonni qophii kanaa aadde Aannee Ajjamaa, aadde Lalistuu Wayyeessaa fi aadde Taliilee Malkaamuu Nuuf ibsaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:16 0:00

XS
SM
MD
LG