Xurree ittiin seenan

Breaking News

Najjootti Namoonni Shan Qaama Hidhateen Ajjeefaman


Najjoo
Najjoo

Namootni ajjeefaman kanneen hojii albuudaa baasuu qorachuutti bobba’an tahuu hojjetaan kaampaanii “SunRise” jedhamnuu kan erga balaan sun qaqqabee achi gahe VOAf ibsee jira.

Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Najjootti namoonni shan qaama hidhateen ajjeefamuu Itti gaafatamaaan Ijaarsaa fi Siyaasa Baadiyyaa Paartii Diimookiraatawaa Oromoo, kan aanichaa VOAtti himan.

Lammiileen alaa lama namoota ajjeefaman keessaa tahuus dubbataniiru.

“Qaama hidhate tu namoota kanatti dhukaasee ajjeese” ka jedhu mootummaan, eenyummaa qaama jedhu kanaa adda baasee hin dubbanne.

Naakoor Malkaa tu Naqamtee irraa gabaase.

Guutummaa isaa caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:02 0:00

XS
SM
MD
LG