Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnaa fi Dandeettii Qaban Biyya Ijaaruuf Malee Marsariitii Irratti Waraana Biyya Jeequuf Oluu Hin Qabu : Dr. Abiyyi Ahamd


Akkaataa itti fayyadama midiyaa hawaasaa kan ilaaleen mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad Kibxata kaleessa barreeffama baasuun isaanii gabaafamee jira. Lilmeen uffata hodhuuf Keessa hulluuqxee dabartu Liilana ykn Kirrii harkiiftu of duubaa hin Ilaaltu kan jedhan Dr. Abiyyi biyya keenya keessattis kanneen midiyaa hawaasaan gargaaraman tokko tokko akka Lilmee sanaati jedhan.

Waca Guddaan Waan dubbatameef, guddatee waan barreeffameef,deggersa nama hedduu waan argateef ykn namoota beekamoon waan odeeffameef sobnii dhugaa hin ta’u jedhu Dr. Abiyyi Ahmad.

Kan ofii irratti cichuun gamaas gamanaas jabaatee jira.Seera umamaa wan ta’eef garu wanni cichee wal harkiisu kun cituu isaa hin hafu jedhan.

Hojii guddaa ta’u kan qabu jeeqama yaaddeessaa kana keessaa uummataa fi biyya haa baasnu. Keessummaa fi bishaan yaa’uun Itiyoophiyaan hin diigatu jedhan.

Guutuummaa isaa caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:53 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG