Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Finfinnees ta’e Godiina Addaa Oromiyaa Keessatti Gaggeeffamu Isa tokko Fayyadee Isa Kaan Kan Miidhu Ta’u Hin Qabu: Dr. Abiyyi Ahmad


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Waggaa Tokko Kana Keessatti Hin Hojjanne Jedhee Waan Itti Gaabbu Hin Qabu;Dr. Abiyyi Ahmad

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr, Abiyyi Ahmad Kamiisa Bitooteessa 28,2019 oduu gabaastoota biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennanii jiru.

Olaantummaa seeraa kabajsisuu hanqachuu, walitti bu’iinsa gosaa, rakkoo daangaa bulchiinsoota adda addaa gidduu,dinagdee biyyaa, waraana biyyatti, hojii Diplomaasii fi siyaasa biyyatti kan ilaaleen waggaan tokko attam akka ture kan ilaallatan turan gaaffileen dhiyaatan.

Kanneen mirgii koo haa kabajamuu jechuun gaafatan gama kaanin waan guutuuf dirqama ta’an eeggachuun barbaachisaa ta’a kan jedhan Dr. Abiyyi Ahmed isa kana wal qixxee deemsisuun dadhabamee gama tokkotti ennaa caalchiisan seera cabsuun uumama jedhan.

Waa’een Finfinnee fi Oromiyaa isa tokko ijaaraa kaan midhuu akka hin taane eeggachuun barbaachisaadha jedhan.Finfinnee keessatti Oromoo baayyisuun lakkofsa jiru guddisuuf yaalameera oduun jedhu soba jedhan.Waraqaa eenyummaa Finfinnee ka jedhamuus soba jedhan Mummichi ministeeraa Abiyyi.

Mirga addaa Finfinnee ilaalchisee heera mootummaa federaalaa irra Oromiyaaf kan kaa'ame, dhimma Oromoo fi Oromiyaa qofaa miti waan hin taaneef furmaata arguufis lammiin hunduu tumsa gochuu qaba jedhan.Uummanni bulchiinsa naannoo Somaalee irraa buqqa’an magaalaalee Oromiyaa adda addaa keessa qubsiifamuu fi kanneen 6,000 ta’an Finfinnee keessa qubachuu ibsan.Kan hubatamuu qabu Finfinnee kan hunda keenyaa ta’u hubatamuu qaba jedhan Dr. Abiyyi.

Bulchiinsii naannoo Oromiyaa mana jireenyaa, nyaataa fi waan barbaachisu dhiyeessuu ni danda’aa taanaan baqattoota kuma dhibba tokko ol Finfinnee keessa qubachisuuf mirga qaba jedhan.

Waggaa Tokko Kana Keessatti Hin Hojjanne Jedhee Waan Itti Gaabbu Hin Qabu;Dr. Abiyyi Ahmad

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:40 0:00

XS
SM
MD
LG