Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Tarkii Maal Keessa Jira ?


Paartiin prezidaantii Tarkii kan Resep Tayyip Erdogan kan Jastiis eend davaloopment paartii jedhamu filannoo Dilbata kaleessaa gaggeeffameen kufaatii guddaatu isa mudatee jira.

Kunis magaalaa galma mootummaa biyyatti Ankaaraa to’achuu akka hin dandeenye agarsisee jira.Istaanbuul keessatti ba’iin filannoo argame baayyee walitti dhiyoo yoo ta’u gam lameen anatu injifatee jechuun wal falmaa jiran.

Prezidaant Erdogan Istaanbul keessatti oduu gabaastotaaf akka ibsanti paartiin isaanii injifatamuu isaa fi ba’ii filannoo kana irraa barnoota arganna jedhan.

Injifannoon hanga tokko kan arganne yoo ta’u hanaga tokkoos injifatamnee jirra jedhanii dinagdee biyyatti guddisuuf tarkaanfii barbaachisu fudhanna jedhan.

XS
SM
MD
LG