Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Gaggeeffame Guutuummaatti Dhiyaachuu Qaba: Koreen Mana Marii Bakka Bu’ootaa Yunaaytid Isteets


Dura taa'aa koree haqaa kana mana marii bakka bu’ootaa, Jeeroold Naadler
Dura taa'aa koree haqaa kana mana marii bakka bu’ootaa, Jeeroold Naadler

Kan Demokraatonni itti heddumaatan koreen mana marii bakka bu’ootaa qorataa addaa Robart Muleeriin qorannaan gaggeeffame guutuummaatti akka dhiyaatuuf torban kana gaafachuuf jira.

Qorannaan kunis Raashiyaan filannoo prezidaantii Amerikaa kan bara 2016 keessaa akkasumas aangawoota Waayit Haawus duraanii 5 waliin hidhata jiru ilaallata.

Koreen haqaa kana mana marii bakka bu’ootaa qorannaan gaggeeffame kan fuula 400 qabu guutuummatti akkasumas ragaa jiru waliin Kibxata akka dhiyaatu jedhee jira.

Abba alangaa mummichi Wiliyaam Baar torban dabree akka jedhanti hanga walakeessa baatii Ebla kanaatti gabaasnii kun ifa ta’a .

Kunis waan Iccitiin qabamuu qabu eega keessaa ba’e booda jedhan.

Kanaaf Kibxataaf kan dhaqqabu hin fakkaatu taanaan gaafa Robiif gaafachuuf deemu.

XS
SM
MD
LG