Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensoota WBO Dhukkubsatan Kan Lubbuu isaanif Sodaachisu Hin Jiru:Ogeessa Fayyaa fi Angawaa Oromiyaa


FAYILII - Loltoota ABO

Miseensonni WBO guyyaa kaleessaa Ebla 14 bara 2019 dhukkkubsatanii hospitaala warra Kaatolikii kan qiddus-Luuqaasti geessaman haga ammaatti miidhaan lubbuuf sodaachisu akka hin mudatiin sabaa himaan biyyaa ibsanii jiru.

Dr. Damissew Gissaa haakiima walii-galaa kan hospitaalichaa akka jedhanti wal’ansii miseensoota waboof kennamaa jiru dandeetti hospitaalichi qabu maraan jedhan.

Garu humna hospitaalichaan ol akka hin ta’iin akkasumas kan lubbuuf sodaachisu akka hin jirre ibsan.Amma iyyu wal’ansa argataa akka jiran ibsan.

Waajiira Komunikeshinii Oromiyaaf itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Admaasuu Daamxoo ibsa kennaniin WBO leenjii irra jiran kana fayyaa isaanii wanni mudate kun ittiin ka’uumsi isaa maal akka ta’e polisii fi qaamnii dhimmi ilaallatu qorataa jiran jedhan.

Dhimma kana ilaalchisee nyaatatu summaa’ee jechuun midiyaa hawaasaa irratti oduun deemaa jiru ragaa kan hin qabnee fi odeeffannoo dogoggoraa ta’uus ibsan.

Kanneen rakkoon kun isaan mudatee miseensoota WBO 136 ta’uun kan ibsamee yoo ta’u garu walii galaan miseensonni WBO mooraa xolaay keessa jiran kuma tokko kan caalan ta’uun ibsamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG