Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoota Biyyoota Guddataa Jiran Keessaa Jajjabeesuuf Prezidaant Traamp Maallaqa Ramadan


Dhaabbati mootummaa Yunaaytid isteets daldala dubartoota Afrikaa jajjabeessuuf kan oolu Doolaara miliyoona hedduu ramaduuf karoorfachuu isaa beeksisee jira.

Kanas Intala angafa kan Prezidaant Traamp Ivaankaa Traamp fi walta’iinsa investmentii dhunfaa kan biyyoota alaa keessaa kan hogganan David Bohigian har’a Finfinnee keessatti ifa godhe.

Karoorri kun Dolaara Biliyoona tokko sossosuun kana keessaa miliyoona 300 fi miliyoona 50 kallattiin invastmeentii dubartootaan qabaman ykn hogganamaniif olchuuf karoora qaba.

Waluumaa gala Afrikaa keessatti dubartoota jajjabeesuuf ta’uun ibsamee jira.Kana keessaa kaampaanii dizaayinii wayyaa irratti hojjatu kan Muuyaa jedhamu ffi haadha qabeenyaa ta’an aaddee Saaraa Abbabaa waliin waliigalteen mallatteefamuun ibsamee jira.

Abbaa ishee prezidaant Traampiif gorsituu gameetti kan taate Ivaankaan Finfinnee seenuun Dilbata darbee ture. Kunis walgahii Dilbata darbee dubartoota Afrikaa dinagdeen akka jajjabaatan dandeetti akka horatan gaafatu irratti argamuuf ture.

XS
SM
MD
LG