Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Waggaa Saddeet Dura Sababa Hongeetin Horroo Guduruu Qubachiifaman Rakkoo Hamaa Keessa Jira Jedhan


Hongee mudatee turerraan kan kahe namootni 2600 caalan waggaa Saddeet dura Godina Horroo guduruu Aanaa Hamuruu qubachiifaman rakkoo hammaataaf saaxilamuu namootni hagi tokko yaada isaanii Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennan dubbatan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa fala nu dhorkatee, yookaan bakka nuuf haa jijjiiru yoo hin dandeenye hawaasa idil-addunyaa deggersa nuuf haa gaafatu jechuun kan namni maatii saddeet qabachuun akka rakkina keessa jira jedhan kan dubbatan.

Bulchiinsi aanichaa rakkoon kun akka furmaata argatu qaama mootummaa olaanu gaafachuu itti fufus furmaatni hin argamne jedha.
Yaaliin hanga'oota Naannoo Oromiyaa dhimma kanarratti dubbisuuf goone har'aaf hin milkoofne.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:12 0:00

XS
SM
MD
LG