Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Umeraa OmhaaJer, ka Daangaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa Cufame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Bulchaan magaalaa Seetit-Umeraa – Obbbo Gebre-medihin Yohaannis, kan Itiyoophiyaa fi Ertiraa adda-baasu daangaan Umeraa Omhaajer, har’a ganama, akka lakkoobsa sa’atii Itiyoophiyaatti ganama sa’atii 12 irraa jalqabee cufamuu isaa dubbatan.

Hoogganoonni magaalattii, daandiin daangaa irraa sun amaaliif akka cufame, loltoota gama Ertiraa tii daangaa eegaa turan gaafachuu isaanii fi “konkolaatonni akka hin seennee fi hin baane akka dhorkaman qaama ol’aanaa irraa ajajamne” deebii jedhu kennuu isaanii dubbatan – Obbo Gebre-Medihin.

“Yeroo yerootti sochii gaarii tu ture. Wal quunnamtii qabna turre. Omhaajer kanneen jiran qaamonni bulchiinsaas, uummatnis ---- Kaaffee tu jira ture, ni dhufu ture. Wal-quunnamtiin uummataa fi uummata gidduu, sochiin daldalaas gaarii ture. Har’a garuu, maali inni waan isaa? Maal tu tahe? jennee ennaa gaafannu, humnoonni achi jiran “qaama ol’aanaa irraa ajajni nutti kenname. Kanaaf Itiyoophiyaa irraa gara Ertiraatti galuun hin danda’amu.” Jedhan.

Keessumaa, konkolaatonni Itiyoophiyaa galuu hin danda’an. Konkolaatota Ertiraa ti taanaan garuu, gara Ertiraa galuu danda’u. Ertiraa dhaa gara Itiyoophiyaa galuu hin danda’an” jedhan.

Yeroo ammaa kanatti konkolaatonni mi’a fe’atanii jiran gama lamaaniinuu akka dhaabatanii jiran illee dubbatu. Tahus, konkolaatonni Ertiraa Itiyoophiyaa keessa jiran gara Ertiraatti akka galan, konkolaatonni Itiyoophiyaa Ertiraa keessa jiran gara Itiyoophiyaa keessa jiran gara Itiyoophiyaatti akka galan ehamamee jira, jedhan – Bulchaan magaalaa Umeraa – Gebre-medihin Yohaannis

Daandiin daangaa Umuraa Omhaajer kan Ityoophiyaa fi Ertiraa gidduu, bakka hoogganoonni biyyoota lameenii argamanii turanitti, xumura baatii Mudde dabree baname.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:42 0:00

XS
SM
MD
LG