Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa Irratti “Guyyaan Busaa” Har’a yaadatamee Oole


Wagga waggaatti Ebla 25 sadarkaa addunyaatti guyyaa waa’ee dhukkuba Busaa itti dubbatamu akkasumas dhukkubicha to’achuuf Ykn Ittisuuf carraaqqiin ta’e itti ibsamu.

Guyyaan kun Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa guutuu biyyatti Dirree Dawaatti keessatti har’a kabajame. Mata dureen isaa ka baranaas “ Busaa Dhabamsisuun ana irraa jalqaba” ka jedhu ture.

Itiyoophiyaan Busaa gama ittisuun milkaa’uu ishee fi waggaa 10 booda jechuun bara 20130 tti guutummaatti dhukkubicha dhabamsisuuf karoorri akka jiru ministeer de’etaan ministrii eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Liyaa Taddasaa ibsanii jiru.

Gama kaaniin yaalii waggootii soddomaa booda tallaaliin farra Busaa haaraa argame har’a Maalaawwii keessatti hojii irra oolee jira.

Biyonni talaaliin kun keessatti kennamu ka biroon Keniyaa fi Gaanaa ta’u fi kunis torban dhufu kaasee kan kennamu ta’uun ibsamee jira.

Biyyonni kun kan filataman namoota dhukkuba Busaan miidhaman hedduu qabaachuun ta’uun ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:25 0:00

XS
SM
MD
LG