Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kolonel Gammachuu Ayyaanaa irratti Himannaan Hin Dhiyaanne: Abukaatoo


Miseensi Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Bilisummaa Oromoo Kolonel Gammachuu Ayyaanaa erga hidhamanii baatiileen afur ka darban tahus hamma yoonaa himatni irratti akka irratti hin dhihaatiin Abukkaattoon isaani Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Himatni irratti banamuu yookaan gadi lakkifamuu akka qabanis kan gaafatan.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Amajji 9, bara 2011 eega qabamanii hidhamanii as kaleessa si’a afurffaadhaaf mana-murtiitti dhihaatan. Haa tahu malee hanga yoonaa beellamumaan deddeebi’uu malee himatni tokkollee akka irratti hin banamiin dubbatu -Abukaattoon isaanii Doktor Tokkummaa Dhaabaa. Jalqaba mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Araadaatti yeroo dhihaatan waan jedhamee fi achii booda yeroo beellamaan dhiyaatan waan abbaa alangaatiin jedhamaa jiru adda adda tahuu dubbatu Dr. Tokkummaan.

Dhimma kana irratti mana murtii waliin falmii guddaa taasisuu kan dubbatan Abukaattichi namootni Koloneel Gammachuu waliin shakkamanii hidhaman yeroo mana hidhaa dhaa bahanitti maammilli koo addatti asababaan itti achi itti tursiifamaniif hin jiru, jedhu. Seera shororkeessummaa Itoophiyaa ilaalchisees waan jedhan qabu.

Kolonel Gammachuu yeroo Marii Araaraa mootummaa fi Adda Bilisummaa Oromoo jidduutti Eritiraatti geggeeffame sana Adda durummaan qaama lamaan walitti fiduun kan qooda guddaa gumaachanii fi jijjiirama haaromsaa biyyattii kan hin mormine tahuu kan dubbatan Doktor Tokkummaan namootuma aangoorra jiru keessaa muraasaa wajjin garuu akka garaa wal-dhabanii jiran dubbii isaan mana murtiitti godhan irraa hubadheera jedhu!

Gamaaggama isaaniin qorannoon poolisii guutuu tahuu dhabuu dubbatanii, gochaa wal qabataa hin taanee fi yeroo biraa akkasumas bakka biraatti mudate akka ragaatti dhiyeessuun jira kan jedhan Abukaatichi waan silaa godhamuu qaba jedhan akkanatti ibsan.

Qabiinsa isaanii ilaalchisees duraan duraan maatii waliin akka wal hin arginee fi hidhamtoota biroo waliin akka walittin makamne dhorkamuu isaa eeranii, amma garuu sun irraa ka’eera jedhan.

Dhimma kanarratti yaada Komishinii Poolisii Federaalaas tahe Abbaan Alangaa Federaalaa qaban argachuuf, deddeebisee bilbileyyuu itti hin milkoofne milkoofne.

Gama biraan, Shamarree Baaccuu Margaa waggaa 11f Maa’ikallaawwiitti erga hidhamaa turteen booda jijjiirama biyyattiitti dhufe jedhameen bara darbe gadhiifamtee, ammas irra deebiin baruma kana jechuunis Mudde 29 bara 2011 irra deebiin hidhamte gadi lakkifamtee jirti.

Baaccuun kan hiikamte mirgi wabii eegameefii akka tahe himtee, Gaafa 18 akka mana murtiitti dhiyaattu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbattee jirti.

Dhimma Kanallee ilaalchisees anga’oota naannoo Oromiyaa irraa bilbilaan argachuuf deddeebisee yaaluus hin milkoofne. Gara fuul-duraatti yoon arganne dhiyeessuuf jirra .

XS
SM
MD
LG