Xurree ittiin seenan

Breaking News

Har'a Magaalaalee Oromiyaa Adda Adda Keessatti Hiriirri Mormii Geggeeffamee


FAAYILII - Hiriira Mormii Oromiyaa
FAAYILII - Hiriira Mormii Oromiyaa

Har'aa magaalaalee Oromiyaa adda adda keessatti hiriirri mormii geggeeffamee jira. Dhaadannoolee hiriirtonni qabatanii bahan keessa itti-gaafatamaan waajira Giddu-galessaa Paartii Dimookiraatawa Oromoo, obbo Addisuu Araggaa dogogoraa seenaa rawwatanniif uummata Oromoo dhiifama gaafachuu qabu, ka jedhu faa akka jiru hiriirtoota keessaa kanneen Raadiyoon Sagalee Ameerikaa haasofsiise dubbatanii jiran.

Gama biraatiin Obbo Addisuu Araggaa, haasawa walga’ii hoogganoota Oromoo fi Amaaraa irratti dhageessisan keessatti, dubbii isaanii mormii kaaseef midiyaadhaan uummata dhiifama gaafatanii jiran.

Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:36 0:00

XS
SM
MD
LG