Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barsiisaa fi Leenjisaa Jalqaba Magaalaa Naqamteetti  Isportii Hundeessan


Ajajaa Shantamaa Gammadaa Guutamaa
Ajajaa Shantamaa Gammadaa Guutamaa

Istaadiyeemiin Wallaggaa torban tokko dura mummicha ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad fi prezidaantii Oromiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaan eebbifamuun isaa ni yaadatama.

Seenaa Isportii kutaa Wallaggaa durii keessatti manneen barumsa sadarkaa duraa fi sadarkaa lammataa keessatti Ispoortii barsiisuun akkasumas sadarkaa adda addaatti leenjisa kennuun ka beekaman Ajajaa Shantamaa Gammadaa Guutamaa namoota Istaadiyoomii wallaggaa kana jalqaba bu’uursan keessaa tokko.

Bara mootii Haayile Sillaasee Raayyaa Kabajaa ykn “Kibur Zabanyaa” keessatti tarmuuda ajajaa shantamaa kan argatan Gammadaa Guutamaa sana booda barsiisaa ta’uun kan yeroo sana mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kotobee jedhamu keessatti Ispoortii barsiisaa turan.

Yeroo sana humna qilleensaa Bushooftuutti argamuttis barsisaa turanii gara biyyaatti deebi’een lammii koo barsiisa jechuun gara Wallaggaatti deebi’an - ajajaa shantamaa Gammadaa Guutamaa.

Dirree kubbaa miilaa duraanii isa amma waltajjii warraaqsaa jedhames ta’e isa dhiyeenya kana eebbifame hojjachiisuu keessaa qooda qabu. Namoota Atleetiksii Itiyoophiyaa keessatti beekamoo ta’an Dr. Walda Masqal Kostiree sabaahimaa biyyaaf ibsa ammaan dura kennaniin barsisaan koo Gammadaa Guutamaa jedhama jechuun dubbatanii turan.

Gama kaaniin lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen toora ogummaa adda addaatti biyyattii keessatti warra jalqabaa jechuun Televiziyoonni Faanaa bara darbe yokaan 2018 tarreessee maxxansee keessatti Leenjisaan Kubbaa miilaa ka jalqabaa Ajajaa Shantamaa Gammadaa Guutamaa ti jedhee jira.

Gabaasaa Guutuu Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:51 0:00

XS
SM
MD
LG