Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganni Paartii Aranaa Tigraay Addaan Qodamuu Isaa Beeksiise


Hoggana paartii Aranaa keessaa hangi tokko ba’anii paartii haara hundeessuu isaanii gabaafamee jira.Miseensa koree hojii rawwachiiftu Arenaa kan ta’an Obbo Kidaanee Ammene akka jedhanti miseensii koreen giddu gala paartichaa Obbo Kibroom Berhee akkasumas Aranaa bakka bu’uun sabaa himaa adda addaaf ibsa kennaa kan turan miseensii paartii Obbo Kinfe Gabreel Gebre Yohannis keessaa ba’uuf xalayaa galfachuu beeksiisan.

Hogganoota paartii giddu adda addummaan yaadaa waan jiruuf akka furamuuf yaalluus furamuu hin dandeenye jedhan Obbo Kidaaneen.

Kanaafis Paartii haaraa “Biheraawwii Baaytoo Abbaay Tigraay” jedhamu kan dargaggoota Tigraay hedduu of-keessaa qabu hundeessuu isaanii fi bordii filannoo guutuu biyyaaf gaaffii dhiyeessuu isaanii ibsan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG