Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Daangaa Itiyoophiyaa fi Ertraa Koree Teeknikaa Ilaallata: Angawaa Itiyoophiyaa


Hariiroo Itiyoophiyaa fi Ertraa kan walii-galaa ilaalchisee walii galteen eega tolfamee kaasee daangaas ta’e dhimmootii kanneen biroo irratti koreen teeknikaa gama lameen irraa hundeeffame hojjataa kan jiru ta’u dubbi himaan ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyaat Getaachoo Tuuta oduuf ibsanii jiru.

Hojiin gaggeeffamaa jiru haal gaarii irra akka jiru kan ibsan Obbo Nabiyaat hojii ittii fufiinsaan gaggeeffamaa jiru kunis hariiroo biyyoota lameen gidduu bifa dhaabbatummaa kan qabsiisan akka ta’e dubbatan.

Dhimma ka’aa jiruuf tokko tokkoon deebii qubsaa kennuu ka danda’uus koree teeknikaa kana ta’u ibsamee jira.

Kanaaf Itiyoophiyaa fi Ertraa kan ilaaleen walii galaan odeeffannoon gama ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaan jiru waan addaa akka hin jirre akkasumas tartiiba ba’een yeroo isaa eeggatee kan gaggeeffamaa jiru ta’u Obbo Nabiyaat Getaachoo tuuta oduuf ibsa kennaniin hubachiisanii jiran.

XS
SM
MD
LG