Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booying Xayyaara Max 737 Oomishuu Yeroof Dhaabuu Beeksise


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Kan US keessa maadheffate Kampaniin Boying, erga baatii Bitootssaa qabee sababaa balaa lama lubbuu namaa galaafate dhaqqabee as rakkoo isa mudachuu itti fufeen xayyaara boyiing max 737 oomishuu yeroof dhaabuu isaa har’a beeksisee jira.

Murtiin kun kan dhaga’ame miseensonni boordii wal ga’ii guyyoota lamaa Chicago keessatti erga geggeeffatee booda yoo ta’u bulchiinsi Aviyeeshinii federaalaa erga balaa Indooneshiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti dhaqqabuun namoota 346 galaafatee booda xarraarri max 737 samiitti deebi’ee akka hin balaliine ugguree booda.

Booying akka jedhetti oomishi xayyaara kanaa hanga bara 2020tti turuu mala, garuu hojjettoota isaa warshaa Renton, Washington Siyaatil keessaa kanneen kuma 12 ta’an hojii irraa ari’uuf karoora hin qabu.

Garuu murtiin kun kanneen addunyaa irraa Booyingii dhiyeessan 900 ta’anii fi dinagdee Ameerikaa miidhuu mala jedhameera.

XS
SM
MD
LG