Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigalteen Biyyoota Sadanii Dhuma Baatii Kanaa Mallatteeffama


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dhimma hidha laga Abayyaa irratti guyyaa afuriif kan mari’atan Itiyoophiyaa, Masrii, Sudaan,Yunaaytid Isteetes fi Baankiin Addunyaa ibsa baasanii jiru.

Ministeeronni haajaa alaa biyyoota sadeenii fi jilonni isaanii marii gaggeessan irratti Ministriin maallaqaa kan Amerikaa fi prezidaantiin Baankii Addunyaa argamanii akka turan waajirri qunnamtii uummataa kan ministeera maallaqaa Amerikaa kaleessa waaree booda ibsa baaseen beeksisee jira.

Xumuura walgahii kana irratti ministeeronni walii galtee waliigalaa kan qabxilee sadii qabu irratti walii galuun ibsamee jira.Galmeen walii galtee xumuraa of keessaa qabu kun baatii Guraandhala kana torban isa dhumaa irratti akka mallatteefamuuf akka qopheessuuf garee Teknikaa fi seeraatti ajaja kennamuun ibsamee jira.

Gama kaaniin Masriin ejjennaa amma qabduun kan itti fuuftu taanaan hidha laga Abbayyaa kanaa bishaan guutuu fi itti fayyadamuu kan ilaaleen walii galtee irra ga’uun yeroo dheeraa kan fudhatu ta’u Amerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Fitsuum Areggaa raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

XS
SM
MD
LG