Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerarri Hawaanisaa Biyyoota Gaanfa Afrikaa Rakkisaa Jira


Biyyonni Afrikaa bahaa weerara Hawwaaniisa Gammojjii hamaa waggootii darban 25 keessatti yeroo duraaf isaan mudatee jira.

Keniyaan akka jettuutti koonyaaleen ishee 47 keessatti laftii qonnaa jiru haal wal irraa hin cinneen Hawaanisaan manca’ee jira.

Gama kaanii mootummaa Somaaliyaa weerara Hawaanisaa isa mudateef labsii yeroo hatattamaa labsee jira.Biyya duraanuu wabii nyaataa daddaaqaa jirtu Somaaliyaan sababaa Hawaannisa Gammojjiin kanaan soda guddaa jala jirti.

Yeroo jalqabaaf baatii muddee dabree weerarri Hawaanisaa Somaaliyaa mudatee lafa Heektaara 100,000 mancaase.Itiyoophiyaa hanga tokko keessattis weerarri Hawaanisaa kun akka jiru gabaafamee jira.

Keniyaan waggootii dabran 70 keessaa yeroo duraaf weerarri kun ishee mudate.

XS
SM
MD
LG