Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasiin Koronaa Yaaddeessaa Ta’uun Itti Fufee Jira


Pirezdaantiin Chaayina, Xii Jiinpingi yeroo eddugala to'annaa noovil koronaavaayrasii daawwatan
Pirezdaantiin Chaayina, Xii Jiinpingi yeroo eddugala to'annaa noovil koronaavaayrasii daawwatan

Chaayinaa keessatti lakkoofsii namoota vaayrasii Koronaan dhumanii 900 darbee jira. Lakkoobsi kun Briteen keessattis dabaluun mootummaan waa’een vaayrasicha Koronaa fayyaa uummataaf dhimma jabaa fi sodaa guddaa akka ta’e labsee jira.

Angawoonni eegumsa fayyaa kan Chaayinaa akka gabaasanti Dilbata kaleessaa nama 97 tu du’e.kunis lakkoofsa namoota Chaayinaa keessatti vaayrasii koronaan dhumanoo 908 gesisee jira.Kan haaraa vaayrasii kanaan qabaman 3062 galma’eera.

Briteen namoonni 4 vaayrasii kanaan qabamuu kan ibsite yoo ta’u walii galaan lakkoobsa namoota biyya ishee keessaa dhukkubsataa jiran saddeetiin ga’e jira.

Ministeerrii eegumsa fayyaa Briteen Matt Hancock soda vaayrasiin kun fayyaa uummataa irratti uumee lbsuun vaayrasichi akka hin facaane gochuuf kanneen dhukkubsataa jiran qofaatti akka ka’amaniif mootummaaf aangoo kennan.

Jaapaan keessatti Doniin imaltootaa adda baafamtee akkuma dhabatteetti kan jirtu yoo ta’u namoonni 66 haaraa vaayrasii Koronaan qabamu har’a ibsamee jira.

Kunis lakkoobsa namoota Donii sana irratti duraan vaayrasii Koronaan qabaman jedhame dacha dabalee jira.

XS
SM
MD
LG