Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Koriyaa Kibbaa Badhaasa Oskaar Injifate 


Artiistoota fiilmii paarasaayit jedhamuu keessatti hirmaatan - sirna Oskaarii irratti 9, 2020
Artiistoota fiilmii paarasaayit jedhamuu keessatti hirmaatan - sirna Oskaarii irratti 9, 2020

Daayreekteera Fiilmii “paarasaayit” kan ta’e lammiin Koriyaa kibbaa Bong Ho badhaasa Akaadaamii 92ffaa isa kabajaa guddaa qabu eega badhaafamee booda lammiwwan Koriyaa Kibbaa ayyaaneeffannaa guddaa keessa jiran. Badhaasa Akaadaamii kanneen biroo 3 eega badhaafamee booda isa arfaffaa fi beekamaa kana argate.

Ergaa gammachuu pirezdaantin biyyattii kara tiwiterii isaanii maxxansan

Bong yeroo badhaasa kana Dilbata kaleessaa galgala fudhateetti hasawaan dhagesisee gabaabaa yoo ta’u har’af kan barbaachisuu argadheedheeran se’a. kanaaf bashannanuuf qophaaeera, hanga bor ganamaatti nana dhuga jedhe.

Suul koriyaa kibbaa keessatti lammiwwan biyyatti Midiyaa sabaa himaa irratti filmiin isaanii injifachuun seena qabeessa ta’u barreessaa jiru.

Filmiin Paaraasaayit Filmii afaan biyya alaan hojjatame kan yeroo duraaf badhaasa Akaadaamii argate yoo ta’u filmii koriyaa kibbaa kan badhaasas Oskar argate kan jalqabaati.

XS
SM
MD
LG