Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa Keessatti Namnii Afuur Ajjefaman


Keniyaa Kaaba bahaa keessatti har’a shakkamtoonni Al- Shabaab haleellaa Awutoobusa imaltootaa tokko irratti gaggeessaniin nama 4 galaafachuu isaanii aangawoonni nageenyaa kan biyyatti beeksisanii jiru.

Awutoobusiin haleellaan irratti gaggeeffame kun imaltoota fe’e konyaa Mandheera irraa gara Naayrobiitti qajeelaa ture.Awutoobusni kun Mandheera irraa kan ka’e ganama yoo ta’u haleellaan kun gara walakeessa guyyaatti irratti gaggeeffame jedhu Komishinarri polisii konyaa Onesmus Kyatha.

Gareen hidhattoota Islaamaa kan Somaaliyaa Awutobusootaa fi konkolaataalee adda addaa irratti haleellaa gaggeeessuun waraanni Keniyaa somaaliyaa keessa jiraachuu isaa haaloo kan ba’u ta’uun ni yaadatama

XS
SM
MD
LG