Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jawaar Lammummaa Itiyoophiyaa Hin Arganne Jedha Boordiin Filannoo


Faayilii - Jawaar Mohaammad deggartoota isaatiif haasaha yeroo godhu, Onk. 23, 2018, Kamisee, Oromiyaa
Faayilii - Jawaar Mohaammad deggartoota isaatiif haasaha yeroo godhu, Onk. 23, 2018, Kamisee, Oromiyaa

Lammummaa biyya alaa deebisanii lammummaa Itiyoophiyaa mirkaneeffachuuf iyyannoo dhiyeessuu qofti ga’aa akka hin ta’inii fi waraqaa ragaa argachuun kan barbaachisu ta’uu hubachuu isaa boordiin filannoo beeksisee jira.

Kongresiin federaalistii Oromoo miseensa haaraa gochuun kan simate dhimma lammummaa obbo Jawaar Mohaammed ilaalchisee falmii murtiif isa rakkise kan qabu ta’uu beeksisuu dhaan ibs akka kennuuf waajjira immigreeshinii gaafachuu isaa boordichi beeksiseera.

Kana irraa ka’uu dhaan iyyanni qofti ga’aa waan hin ta’iniif obbo Jawaar Mohaammed OFEKon boordii filanoof akka dhiyeessu xalayaa barreessuu isaanii itti gaafatamtuun kominikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimellis VOAf ibsaniiru.

Dura taa’aan kongresii federaalistii Oromoo Professor mararaa Guddinaa gama isaaniin obbo Jawaar galmee barbaachisu mara guutanii galchuu isaanii fi seerris wajjirri immigreeshin iyyannaa fuudha malee murtii akka hin kennin ibsaniiru.

Obbo Jawaar gama isaaniin kana ilaalchisee fuula FB isaanii irratti lammummaa Ameerikaa galchuu isaanii sertifikeetii mirkaneessu fudhachuu isaanii ibsanii, iyannaa fi galmee isaanii waajjira mootummaa dhimmi ilaalutti galchuu isaanii ibsaniiru jechuu dhaan Tsion Girmaa gabasteetti.

XS
SM
MD
LG