Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Baqattoota Itiyoophiyaa 76 Buufata baqattoota Kaakumaarraa biyyatti deebise


Eddu-gala hawaasa Itoophiyaa, Kaakumaa, Keeniyaa
Eddu-gala hawaasa Itoophiyaa, Kaakumaa, Keeniyaa

Dhaabbati baqataa UNHCR lammilee Itiyoophiyaa 76 biyyatti deebisuu beeksise. Ganna hedduuf buufata baqataa Keeniyaatti argamu keessa ka jiraataa turan baqattoonni kun kaleessa gara biyyaatti deebifamuu odu himaan dhaabbatichaa VOA’f dubbataniiru

UNHCR baqattoota Itiyoophiyaa 76 ka duraan buufata baqattoota Keeniyaatti argamu kaakumaa jedhamu keessa jiraataa turan biyyatti deebisuu beeksise. Dubbi himtuu dhaabbatichaa Yujin Bayan baqattoonni kunneen fedha isaaniitiin gargaarsa UNHCR fi dhaabbata godaantota biyyaa biyyaan deemu IOM’n Kaakumaatii gara Dirre Dhawaatti deebifamaniiru jedhan.

UNHCR Baqattoota Itiyoophiyaa 76 Buufata baqattoota Kaakumaarraa biyyatti deebise
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:50 0:00

Warri waliin biyyatti deebi’e kun garee jalqabaati. Duraan bara 2019 keessa baqattoonni dhuunfaan dhufanii akka biyyatti isaan deebisnuuf nu gaafataaa turan nus isaaniif akka akkaan haala mijeessaafii turre. Garuu amma baqattoonni lammiin Itiyoophiyaa keeniyaattii gargaarsa UNHCR fi IOM’ n sonaan yoo galan kun kan jalqabaati.

Dubbi himtuun UNHCR dabalanii lammilee Itiyoophiyaa baqaan keeniyaa jiraatan kuma 28 ol keessaa kumi afur gara biyyaatti deebi’uu akka fedha qaban himanii isaan keessaa ammoo kumni lamaa ol guca biyyatti deebi’uu isaan dandeessisu guutuu isaaniillee dubbatan. Kanaafis sichi warra galmaayee biyyatti deebi’uu fedhu biyyatti deebisuun itti fufaa jette.

Gargaarsa lammilee Itiyoophiyaa baqa keessa ganna hedduu jiraatanii biyyatti deebi’aniif kennamu ilaalchisees, jiruu isaaniif itti gaafatama jalqabaa ka fudhatu mootummaa Itiyoophiyaa ta’us UNHCR haga isaan miilaan dhaabbatanitti gargaarsa akka taasisuuftu himame.

Ms. Bayan dabaltee ammas lammileen itiyoophiyaa gara keeniyaatti ka baqataa jiran jiraachuu himte. UNHCR akka jedhutti ammas Keeniyaan keessa baqattoota lammiin Itiyoophiyaa kuma 28 fi dhibba 4 fi 16 tu jiru.

XS
SM
MD
LG