Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Lamillee’shee Wuhaan Chaaynaatii Karaa Bahan Dhaban Biyyatti Deebisuufi


Kaabinee ministeera fayyaa mootummaa Keeniyaa
Kaabinee ministeera fayyaa mootummaa Keeniyaa

Mootummaan Keeniyaa lammilee biyyattii Chaaynaa Wuhaan keessatti sababa Vaayresii Kooronaa daandii bahaa dhabaniif fala dhahaa akka jiru hime.

Ministeerri kaabinee Fayyaa biyyattii mootummaan warra kana achi keessaa baasuuf fala baayyee barbaadaa jira jechaan dubbataniiru.

Keeniyaan Lamillee’shee Wuhaan Chaaynaatii Karaa Bahan Dhaban Biyyatti Deebisuufi
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

Mutaahii Kaagwee; kaabineen ministeera fayyaa mootummaa Keeniyaa biyyi isaanii Keeniyaan lammileeshee Wuhaan Chaaynaatti sababa Kooronaa Vaayres karaa biyyatti deebi’an dhaban deebisuuf akka jirtu dubbatan. Mr. kaagween kaleessa mootummaan lammilee keeniya 100 tahan maatiisaaniitti deebisuuf fala hedduu dhahaa jira jedhan.

Imbaasii Keeniyaa Chaaynaan jiru fi waajjira haaja alaa Keeniyaa waliin ta’uun akka itti waan kana itti raawwannu akkasumas ammoo rakkoo alas mudatuu malu akkamitti akka furru itti yaadaa jirra ka jedhan Mr. kaagween, Yoo warra achitti hafee jiru fidnu mara wal duuka biyyatti hin deebisnu, isaan keessa ka dhukkubsate yoo jiraate warra kaan faaluu waan maluuf ta'uu ibsanii, kanaaf of eeggannoon itti deemaa jirraachuu dubbatan.

Mr. Kaagween waan lammilee Chaaynaa 239 jimaaata darbe kana Xiyyaaraan Naayrobii seenaniis gaafatamiiru. Yoo deebisanis, lammileen Chaaynaa kun Kutaa Bulchiinsa Wuhaan keessaa akka hin dhufne eeranii, ammas qofaatti adda bahanii haalli nageenya isaanii ogeessota fayyaan hordofamaa akka jiru dubbatan.

Kanumaan wal qabatees mootummaan Keeniyaa jimaata darbe Xayyaarri Saawuz Chaaynaa akka Naayroobii seenu eyyamuun biyyattiitti dheekkama kaaseera. Gartuu waajjiraalee mootummaa dabalatee dhaabbileen hedduun waan kana ka morman yoo tahan, yoosumas waldaan Ogeeyyii Seeraa Keeniyaa mana murtiitti himata mootummaarratti bane manni Murtii olaanaa Keeniyaa balalii Xiyyaaraa Chaaynaa gara keeniyaa dhufu kamuu akka dhaabbatu ajaja dabarsee jira.

Prezdent Keeniyaattaanis Waa’ee Koroonaa kana ilaalchisee ajaja dabarsanii jiru. Keeniyaattaan rakkoon mudate kun biyya hundatti waan mullate waan taheef balalii xiyyaaraa dhaabuun fala miti jechuun dubbatanii dhimmuma kna ka hordofu koree ministeerotaa hundeessanii jiru. Kanaafis eger yoo balaliin Chaaynaa gara Keeniyaatti taasifamu jalqabu fayyaa kara deemtota ka qoratuu fi warra dhukkuba kanaan qabame ka yaalu Hospitaalli adda bahu ajajaniiru.

XS
SM
MD
LG