Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattota Naqamtee: Haalli Nageenyaa Dinagdee Irratti Dhiibbaa Uumaa Jira


Faayilii - Magaala Naqamtee
Faayilii - Magaala Naqamtee

Jiraattotni magaalaa Naqamtee tokko tokko dhabamuu nagaa waggaa darbetti magaalichatti uumamee tureen abbootiin qabeenyaa gara magaalaa biraatti deemaa jiru jedhan.

Namootni hojii daldalaan jiraatan tokko tokko ammoo sababaa cufamuu tajaajila bilbilaafi intarneetii hojiisaaniirratti danqaa tahuu himan.
Kantiibaan Naqamtee Obbo Bariisoo Tamasgeen Magaalaa Naqamtee amma tasgabbii gaariitu jira , sochiin diinagdee isheen akka cimee itti fufu marii ni geggeessina” jedhaniiru.

Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti dabalatee, Godinaalee Wallaggaa Biroottis tajaajila bilbilaafi intarneetii cufame mootummaan akka banu gareen mirga namaaf falmu Human Rights Watch jedhamu torban kana ibsa baasuun isaa ni yaadatama.

Dhabamuun Nagaa Diinagdee Naqamtee Miidhaa Jiraachuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:03 0:00


XS
SM
MD
LG