Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Keeniyaan Biyyoota Vaayiresiin Koronaa Keessatti Argame Irraa Namoonni Gara Biyyattii Akka Hin Seene Murteesse


Keeniyaan biyyoota Vaayiresiin Koronaa keessatti argame irraa akka namoonni biyya ishee hin seenne kan uggurtu tahuu kaleessa labsitee jirti.

Lammiwwan Keeniyaa fi lammiwwan alaa eyyama biyyattii seenuu qaban ammallee Keeniyaa seenuu danda’au, garuu eega biyyattii seenanii booda, nama irraa addatti of baasanii turuu yokaan buufata mootummaa namoonni addatti baafaman keessa jiraatan seenuu qaban jeddhame jira.

XS
SM
MD
LG