Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Manneen Barnootaa fi Sagantaawwan Hedduu Torban Lamaaf Cufte


Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad
Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad

Lakkoofsi namoota Koronaavaayrasiin qabamanii Shan gahuun erga beekamee booda, muummeen Ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad Wiixata harraa ibsa kennaniin manneen barboota torban lamaaf cufamuu ibsaniiru.

Manneeneen barnootaa, sagantaawwaan ispoortii fi qophiiwwaan namoota hedduu hirmaachisan Wiixata harraatii qabee guyyoota 15 dhufaniif akka dhaabbatan murteeffamu an beeksisan muummeen ministira Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, barattoonni Yunvarsiitii garuu ammaaf mooraa jiran keessa akka turan dubbatanii achumattii haala ittin of eegan irratti hojjachuuf waliigalteerra gahamuu eeran.

Manneen amantii laalchise, “abootiin amantii torban lamaan dhufaniif sagantaawwan isaanii odoo xinneessanii fi mala biraa fayyadamuu odoo jalqabanii gaarii dha jennee amanna,” an jedhan muummeen ministiraa Itoophiyaa biyyattii keessatti walgahiiwwaan, koonfirensii fi qophiiwwan kaan torban lamaaf akka dhaabbatan ajejaniiru.
XS
SM
MD
LG