Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Hawaasaa Keessatti Hubannoon Koronaa Ilaalchisee Jiru Ilaalcha Hin Arganne: Angawoota Magaalattii


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Vaayiresii Koronaa ittisuuf uggura kaa’ame hojii irra oolchuu dhabuu fi dagachuun magaalaa Hawaasaa keessatti kan mul’atu ta’uu angawoonnii bulchiinsa magaalattii beeksisaniiru.

Dhimmi isaa kan isaan yaaddesse qajeelchi eegumsa fayyaa, daldalaa misooma gabaa akkasumas misooma geejjibaa fi daandii magaalattii jiraattonni magaalaa sanaa itti gaafatama isaanii akka ba’an ibsa waliin ta’uun baasaniin waamicha dabarsaniiru.

Magaalaa sana keessatti nama vaayiresii koronaa qabutu argame jedhamee oduun afarfamaa jiru hamee ta’uu kan ibse qajeelchi eegumsa fayyaa magaalattii uummati raga hin mirkanoofneen akka hin jeeqamne beeksisee jira.

Bifa gogaa namaa fi bakka hojii isaanii ittiin ka’umsa gochachuun magaalaa Hawaasaa keessatti loogii uumamuu fi maqaa sirrii hin taane kennuunis dhaabachuu qaba jechuun yaadachiiseera jechuu dhaan Yonaatan zebdwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG