Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dirre Dhawaatti Lakkoofsi Namoota Vaayrasii Koronaan Qabamanii 8 Gahe


Dirre Dhawaan yeroo ammaa, Finfinnee irraa kan hafe, magaalaalee fi naannoolee Itiyoophiyaa keessatti argaman mara caalaa, namoonni vaayirasii Koronaan qabaman kan keessatti argaman tahuun himamee jira.

Itiyoophiyaa keessatti haga ammaatti walumaa-galatti lakkoobsi namoota vaayirasiin Koronaa irratti argamuun gabaasamee 111 yoo tahu, kanneen keessaa 8 Dirre Dhawaa keessatti argaman. Akka Ministiriin Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa beeksisetti, namoota vaayirasichaan qabaman sadii har’a gabaasaman keessaa lama Dirre Dhawaa keessatti argaman.

Teessuma lafaatiin magaalaan Dirre Dhawaa, Finfinnee irra gara Jabuutiitti ka dhihaattu yoo tahu, namoota magaalattii keessatti vaayirasichi irratti argame keessaa garii lammiwwan Itiyoophiyaa Jabuutii irraa biyyattii deebifaman tahuun beekamee jira – jedha – gabaasaan VOA Addis Chekkol, Dirre Dhawaa irraa.

XS
SM
MD
LG