Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buqqaatonni Gara Benishaangul Gumuzitti Deebifaman Rakkoo Deggersaa Akka Qaban Himatan 


Faayilii - Walitti bu'iinsa daangaa Benishaangul Gumuz fi Oromiyaa jjdduutti uumamee ture furuuf araarri yeroo geggeeffame
Faayilii - Walitti bu'iinsa daangaa Benishaangul Gumuz fi Oromiyaa jjdduutti uumamee ture furuuf araarri yeroo geggeeffame

Namootni bara darbe Naannoo Benishaangul Gumuz, aanaa Baloojaganfooyi irraa buqqa’anii Oromiyaa keessa turanii fi booda achitti deebi’an hagi tokko, “deggersa nyaataa fi meeshaalee bu’uuraa waan dhabneef rakkoo hamaaf saaxilamnee jirra,” jechuun VOAtti dubbatan.

Waajjirri Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz immoo ‘deggersi gama garaa garaatiin ergamee jira. Garuu, deggersicha karaa wal-qixxee taheen waliin gahuu irratti akka rakkooon jiru quba qabna. Kanaaf garee ogeessotaa dhimma kana qoratu garasitti erguuf jirra” jedha.

Biiroon Hooggansa Balaa Sodaa Naannoo Oromiyaa gama isaan, ‘komii jiraattota Baloo Jaganfooyi qofa osoo hin taane, rakkoo akka naannootti kan namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’anii turan hundaa qophiin godhameera,’ jedha.

Gabaasaa gutuuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:46 0:00


XS
SM
MD
LG