Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilma Kee Arguuf Hawwite Utuu Hin Argin Hafte: Abbaa Warraa Haati Manaa Isaanii COVID-19 Qabee Duraa Duute


Sirni awwaalcha aadde Wegenee Debelee b abba warraa isaanii gaddaan caban obbo Yilmaa Asfaaw fi intall isaanii hangafaa kan umuriin wagga 17 Mihiret Yilmaa fi namoonni muraasine bakka argamanitti kutaa VAtti kan argamu bakka awwaalchaatti kan raawwatame turban darbe keessa ture.

Ilma Kee Arguuf Hawwite Utuu Hin Argin Hafte: Abbaa Warraa Haati Manaa Isaanii COVID-19 Qabee Duraa Duute
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:25 0:00

Sababaa vaayiresii koronaaf jecha wali irraa hiiqiinsi namootaa waan tureef namni itti dhiyaatee obbo Yilmaa jajjabeessu hin turre. Aadde Wegeneen ennaa mallattooon COVID 19 ulfaa ji’a saddeetii turan.

Caamsaa 21 mucaa da’anii sa’aatii hanga tokko booda lubbuun isaanii biyya lafaa kana irraa godaane. Mucaan dhalate dhibee kana irraa walaba ta’ee jira. Intalli isaanii Mihiret Yilmaa haadha koo dhabuun waan obsamu miti jetti.

Nama tokko qofan dhabe miti. Sadiin dhabe. Haadha koon dhabe. Obboleettii fi hiriyaa koon dhabe. Baay’ee walitti siqnna. Utuu nagaa natti hin dhaamin nu dhiistee deemte. Cimnaa fi amantii qabaachuun maal akka ta’e na barsiisteetti. Kan nuti nagaa taaneef sababaa iseen halkanii guyyaa Waaqayyoon nuuf kadhattuufi jette.

XS
SM
MD
LG