Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Yakka Hojjete Itti Gaafatama: Muummee Ministaraa Itiyoophiyaa


Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad
Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad

Waa’ee Namoonni Hedduun Oromiyaa Keessatti Hidhamuu Komee Hayyu-dureen ABO Dhiheessaniif Kan Deebii Kennan Muummichi-Ministaraa Itiyoophiyaa “Namni Yakka Hojjete Itti Gaafatama” Jedhan

Hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa, “mootummaan labsii yeroo muddamaan qabatee namoota hedduu hidhaa jira” jechuudhaan, marii Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa, Abiy Ahimad hoogganoota paartiilee siyaasaa waliin dhimma filannoo ilaalchisee geggeessan irratti komee isaanii dhiheessan.

Muummeen Ministira Itoophiyaa Abiyyi Ahmad komii hayyu-duraa ABO irraa dhihaateef ennaa deebii, “miila tokkoon mootummaa wajjin miila tokkoon ammoo dirree biraa keessaa taphachuun mootummaa rakkisa. Namni yakka hojjete itti gaafatama" jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Namni Yakka Hojjete Itti Gaafatama: Muummee Ministaraa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:52 0:00


XS
SM
MD
LG