Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudan Wixinee Walii Galtee Hidha Laga Abbayyaa Fudhatama Dhabsiiste


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Hidha laga Abbayyaa guutuu attamiin bishaaniin guutuu ilaalchisee walii galtee jalqabaa Itiyoophiyaan dhiyeessite Sudaan fudhatama dhabsiisuu dhaan amma mariin USn hoogganamu akka itti fufu kan barbaddu ta’uu Caasaan TV Chaayinaa kan Global TV Network jedhu gabaasee jira.

Akka ibsa kaleessa ba’eetti muummichi ministeeraa Sudaan Abdullah Hamdook gita isaanii kan Itiyoophiyaa Abiy Ahimediif xalayaa erganiin hidha laga Abayaa jalaqabaaf bishaaniin guutuu ilaalchisee wixinee walii galtee Itiyoophiyaan dhiyeessite fudhatama dhabsiisan.

Xalayaa sanaan walii galteen hangi tokko hidha sana bishaaniin guutuu inni jedhu sababaa dhimmootii teekinikaa fi seeraa tiin raggaasisuu akka hin dandeenye ibsuu dhaan sun walii galtee sana keessa seenuu qaba jedhan Hamdok.

Walii galteeeen sun mala qindoominaan hojjechuu, odeeffannoo wal jijjiiruu fi nageenya hidha laga Sanaa, naanoo saaf dhiibbaa hawaasummaa kan jedhu of keessaa qabaachuu qaba jedhan. Muummichi ministeeraa Sudaan walii galtee walii galaa irra ga’uuf marii isaan baatilee afur dura jalqabaniif fooya’ina guddaa argamsiise jedhan battala itti fufuu qaba jechuu dhaan cimsanii dubbatan.

Sudaan haalli amma jiru mala diplomaasummaa barameen mai’achuuf hin eeyamu jedhanii vaayiresii koronaa tuquu dhaan, bilbilaan dubbachuun walii galtee jiru xumuruu fi dhimmootii ijoo ta’an irratti walii galuuf mala gaarii dha isa jedhu mormaniiru jedha caasaan China Global Television Network .

Jaarsa araaraa Sudan kan ta’an Saleh Hamad akka jedhanitti dhimmootii jira irra hedduun kan wal qabatan adda baafamuu hin danda’an jechuu dhaan sadarkaa jalqabaa bishaanni guutamu qofaa miti jedhan.

Masrii fi Sudaan walii galtee bara 2015 irra ga’ame deggeruu isaanii ibsanii mormuu isaanii itti fufanii booda Itiyoophiyaan walakkeessa baatii Adoolessaa irra hidha laga Abbayyaa bishaaniin guutuun jalqaba jechuun labsitee guyyaa tokko booda ibsi kaleessaa kun dhaga’ame.

Sudaanii fi Masriin yoo hidhi Abbayyaa bishaaniin guutme dhiyeessii bishaan isaanii hanqisa soda jedhu qabu. Itiyoophiyaan projektii guddaa doolaara biliyoona 4.8 kun Afriikaa keessaa biyya humna ibsaa raabsitu isee ijoo akka taatu godha jechuun abdattii jedha gabaasi China Global Television Network maxxanfame kun.

XS
SM
MD
LG