Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp VOA Irratti Qeeqa Dhiyeessan. VOAnis Deebii Kenne


Gabaastuun VOA an addaa, Greettaa Vaan Sustereen pirezdaant Doonaald Traampii yeroo gaafii dhiheesitu, Singaappoor, Bara 2018.
Gabaastuun VOA an addaa, Greettaa Vaan Sustereen pirezdaant Doonaald Traampii yeroo gaafii dhiheesitu, Singaappoor, Bara 2018.

VOA dhaabbata sabaa himaa hedduu mootummaan deggeramu yoo ta’u torbanitti afaanota 40 oliin uummata miliyoona 280 dhaqqba.

Seenaa galmeeffame kan ennaa waraana addunyaa lammaffaa fi kongiresii biraas oduu haqaa fi madaala isaa eege akka dabarsuuf eeyama qaba.

Prezidaant Traamp VOA Irratti Qeeqa Dhiyeessan. VOAnis Deebii Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:10 0:00


Haa ta’u malee kurna hedduuf muddamni White House fi VOA gidduu waanuma barateme. Sababiin isaas irra hedduu bifa addaa kan qabu hanga tokko to’annoo alaa irraa walaba kan ta’e, yeroo hedduus oduu cimaa kan dabarsu dhaabbaata oduu walakkeessa birookraasii bal’aa kan mootummaa federaalaa gidduutti jiru.

Baatii darbe pdrezidaant Doonaald Traamp kanneen isaan dura turanitti makamuu dhaan gabaasaawwan oduu VOA qeeqanii garuu haala cimaa dhaan ture.

"Radiyoo sagalee Ameerikaa biraa waan dhiyaatu yoo dhageessan jibbisiisaa, biyya keenyaaf waan jibbisiisaa dha jechuu dhaan Traamp ennaa Ebla 15 Roose Gaarden keessatti dhimma koronaa ilaalchisee ibsa kennan dubbatan.

Himannaan Tramp dhiyeessan bifa lama qaba. Inni jalqabaa VOAn galmee falmisiisaa ta’e kan mootummaan Chaayinaa daariqa ykn infekshinii vaayiresii koronaa fi lakkoobsa namoota du'anii kan Chaayinaa keessaatti itti fayyadame. Qeeqi kunis dhaabolii hedduun falmiin irratti dhiyaateera.

Inni lammataa immoo prezidaantichi hoogganaa haaraa kan sabaa himaa addunyaa Yunaayitid Isteetis kan VOAn jalatti argamu to’atu moggaasuu dhabuu isaaniitti mufachuu isaanii ti. Waggota lamaa oliif moggaasuu hoogganaa kanaaf dimokraatonni Senetii keessa jiran gufuu natti ta’an jedhan.

Daayirekterii VOA ,Ammaandaa Benet
Daayirekterii VOA ,Ammaandaa Benet

Daayirekterittiin VOA Ammaandaa Benet himannaa kana fudhatama dhabsiisuu dhaan VOAn gbaasa madaala isaa eege kan dhugaa irratti hundaa’e dabarsuuf tattaafate male ergaa eenyuu iyyuu ol kaasee hin afarsine jedhan.

XS
SM
MD
LG