Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horro Guduruutti Namni Mallattooleen Vaayirasii Koronaa Irratti Argamee Bakka Adda Kophaa Tursiisamanitti Geessaman


Horro Guduruutti Namni Mallattooleen Vaayirasii Koronaa Irratti Argamee fi Miiltonni isaa 36 Bakka Adda Kophaa Tursiisamanitti Geessaman, Jedhama

Waajirri Eegumsa Fayyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa nama mallattooleen Vaayirasii Koronaa irratti mullatee fi Namoota isa faana imalaa turan 36 bakka itti adda baasanii tursiisan seensisuu isaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajirichaa Obbo Nagaraa Fayisaa “Saamudni qorannoo namoota bakka itti adda baasanii tursiisan irraa fuudhatamee gara Wiirtuu Qorannoo Vaayirasii Koronaa Naqamtee jiruutti ergamee, ba’ii qorannichaa eegaa jirra”jedhan.

Vaayirasii Koroonaa dursanii ofirraa ittisuurrattis dagannoo mullataa jiru hambisuuf hubannoo kenninu itti fufnee jirra, jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Horro Guduruutti Namni Mallattooleen Vaayirasii Koronaa Irratti Argamee fi Miiltonni isaa 36 Bakka Adda Kophaa Tursiisamanitti Geessaman, Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:22 0:00


XS
SM
MD
LG