Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Ajaja Seeraa Mana-murtiin Kenname Diduun Namoota Hedduu Mana Hidhaa Kaa’ee jira, Jedhame 


Poolisiin ajaja mana murtii diduun namoota hedduu gaaffii tokko malee ji'ootaaf hidhee kaa'ee jira, jechuun maatiileen hidhamtootaa fi Abukaatoon isaanii dubbatanii jiran.

Poolisiin Ajaja Seeraa Mana-murtiin Kenname Diduun Namoota Hedduu Mana Hidhaa Kaa’ee jira, Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:31 0:00

Manni murtii mirga wabii eegeefii akka gad-lakkisaman ajajeyyuu, poolisiin garuu gad-lakkisuu diduun namoota kana mana hidhaa kaa’ee jira, jechuun ibsan.

Paartileen morkattoota naannoo Oromiyaa keessa socho'aniis miseensonni hooggansa isaanii sadarkaa waajira paartii irraa eegalee hanga qindessitoota aanaatti hidhamaa jiru, jechuun mirga wabii manni murtii eegeefis poolisiin akka didee namoota hidhee kaa’uu itti fufe Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan.

Dhaabbatni mirga dhala-namaa, Liigiin Mirga Namooma Gaanfa Afrikaa jedhamus gama isaatiin, naannoo Oromiyaa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaawwamanii fi qondaaltonni paartilee siyaasaa ajja hidhamaa jiran odeeffannoo ragaa walitti qabadheen jira, jechuun ibsee jira. Dhimma kana irratti deebii argachuuf poolisii federaalaa fi waajjira Abbaa Alangee Federaalatti irra deddeebiin bilbilleyyuu kan deebii nuuf kennuuf eyyame hin arganne.

XS
SM
MD
LG