Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojii Tola-ooltummaa Ijoollee Maatii Isaanii Du’aan Dhaban  Deggeruuf Hojjetame


Magaalaa Ambootti ijoollee, abbaa, haadhaa fi obboleessa isaanii du'aan dhabaniif deggersi tilmaamaan hamma birrii miliyoona lamaa gahuu walitti qabamuu, Koreen Deggersichaa.

Birriin 748, 000 ol tahu kan walitti qabame yoo tahu, inni hafemmoo meeshaalee garaa garaa fi garggaarsa waadaa seename tahuu kan dubbatan walitti-qabaan koricha, Obbo Nagaraa Dhugumaa, gargaarsichi karaa miidiyaa hawaasummaa lammiwwan alaa fi biyya keessaa irraa kan walitti qabame tahuu isaa himan.

Obboleessi ijoollee kanaa, dargaggoo Biqilaa Sirnaa, Onkololeessaa bara 2012 waa’ee eegdonni falmaa mirga uummataa Jawaar Mohaammad kaasuuf murteessuu irratti hiriira mormii Ambotti geggeessame irratti humnoota naga-eegumsaan ajjeesame.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Hojii Tola-ooltummaa Ijoollee Maatii Isaanii Du’aan Dhaban  Deggeruuf Hojjetame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:53 0:00


XS
SM
MD
LG