Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalattoonni Eebantuu fi Gindabarat Uummata Irraa Dhalatan Deggersaan Qaqqaban


Yeroo weerara Vaayirasii Koroonaa yaaddoo uumee jiru kanatti dhalattootni Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu biyya Ameerikaa jiraatan, deggersa birrii kuma dhibba sadii caalu, lammiilee aanichaa deggersa barbaadaniif akka oolfamu gumaachuu isaanii barreessaan Waldaa Wal Gargaarsa Eebantuu Obbo Taarikuu Lamuu VOAtti himanii jiru.

Dhalattoonni Eebantuu fi Gindabarat Uummata Irraa Dhalatan Deggersaan Qaqqaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:41 0:00

Haaluma wal-fakkaatuun, kanneen biyyoota alaa fi biyya keessa jiraatan - dhalattootni Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Gindabaratii fi Abunaa Gindabarat birrii miliyoona lamaa fi walakkaa olitti tilmaamamu uummata aanaalee lameeniif deggersa taasisuu isaanii walitti qabaan Koree deggersa aanaalee lamaanii Obbo Amanuu Dhaabaa dubbatanii jiran.

Oduudhuma wal qabatuun, Yunivarsiitiin Wallaggaa harka qalleeyyii magaalaa Naqamtee 655 tahaniif deggersa midhaan nyaataafi zayitaa kennuuf karoorse keessaa torban dabre namoota 200 caalaniif kennuu Walitti qabaan KoreeDeggersaa Doktor Malkaa Hiikaa beeksisanii jiru.

XS
SM
MD
LG